Siinan Fiilmii Afaan Oromoo

Siinan (2022)

Siinan (2022) fiilmii Afaan Oromoo Istaandardii Idil Addunyaatiin bara 2022 hojjetamedha. Seenaa baayyee hawwataa fi jaalalaa kan intala jireenya qormaataan guutame mudate qaba. Fiilmiin kun irra caalaa Siinan – barattoota kolleejjii olaanoo keessaa tokko irratti kan xiyyeeffatedha. Fiilmii kana keessatti taphattoota gara 25 olii ta’an gahee adda ta’e fudhatan qaba. Fiilmiiwwan Oromoo kanaan dura hojjetaman biroo irraa adda ta’ee viidiyoo qulqullina olaanaa qabuun hojjetame. Akkaataan seenaa himuu fi yeroo ce’umsaa fiilmii keessatti dhuguma guddaa fi dinqisiifamaa ture. Sagaleewwan fiilmii keessatti galan qalbii kan hawwatanii fi fiilmii sanaaf qofa kan uumamanidha.

Artistootni fiilmii Siinan hojjetan, muraasni jalqaba isaanii ta’us dandeettiin isaanii kan ajaa’ibsiifamudha. Seenaan fiilmichaa kan namatti toludha. Akkaataa ittiin fiilmiitti jijjiiramee, ce’umsa gaarii godhatee barreeffames baay’ee dinqiidha. Utuun hin dubbatiin kan hin darbamne, haala itti daayireektarri fiilmichaa seenaa sana qindeessee, fiilmiitti jijjiire kan isa olkaasudha.

Seenaa fiilmichaa gabaabaatti

Fiilmiin sun kan irratti xiyyeeffatu nama Siinan kan jedhamtu barattuu cimtuu taate irrattidha. Dabalataanis fiilmicha keessatti baay’inaan qooda kan fudhate jaalallee Siinan kan ta’e Naa’ol irrattidha. Naa’ol barataa mana barumsaa isaa keessatti beekamtii fi jaallatamummaa guddaa qabudha. Naa’ol fi Siinan mana barumsaa tokkotti yeroo baratan walbarani. Naa’ol akkuma Siinaniin argeen ishee kan jaallateen yeroo ta’u hamma jaalalaan mo’atutti rafee hin bulle. Erga walbaranii booda seenaa ittiin walfakkaatan qabaachuu isaaniirra jaalalli isaan waliif qabanis baay’ee dabalaa dhufe.

Siinan mucayyoo barnootaan cimtuu ta’uushee irrattis bareedina isheetiin kan nama hawwattu waan taateef barsiisota isheetiin illee gaaffiin jaalalaa dhiyaachaafii ture. Kana irra darbuudhaanis namoonni ishee jaallatanii dhaban diina itti ta’uudhaan jaalala ishee fi Naa’ol gidduu jiru booressuuf gadi hin teenye. Kanumaanis, Siinaniin maqaa balleessuuf jecha guyyaa tokko akka isheen of wallaaltu gochuudhaan sireerratti dhiira waliin suuraa akka kaatu gochuudhaan suuraa sana Naa’oliif ergani. Naa’ol suuraa sana akkuma argeen wanta ta’e dhugaatti fudhachuun akka Siinan isa gowwoomsitee nama kan biraa wajjiinis jaalala jalqabdeetti yaaduudhaan ishee irraa adda ba’uuf murteesse.

Kun hundumtuu ta’ee utuu jiruu, seenichi kanuma qofaadhaan hin dhaabanne. Kana irra darbuudhaan Siinan guyyaa tokko haati ishee dhukkuba cimaatiin hospitaala seenuu dhageesse. Haadha ishee fayyisuuf qarshiin barbaachisu kuma digdama ture. Hawwiin qarshii kana argachuu waan hin dandeenyeef, Naafii kan jedhamu hiriyaa ishee fakkaachuun kan itti siqetti gargaarsaaf bilbilatte. Naafiin gaarii fakkaatee itti siqus, fedhiin isaa jireenya ishee balleesuudha waan ta’eef bilbiluu ishee gammade. Erga walarganii inni gargaarsaaf barbaadamus ishee gudeeduudhaan akka isheen irraa fagaattee deemtu godhe. Kana hundumaa booda gara hospitaalaatti yeroo deebitu haati ishee akka duute itti himan. Kun gadda hamaa keessa ishee buuse.

Siinan kana hundumaa booda namoota ishee miidhan irratti haaloo ba’uuf karoorsite. Dargaggoota lamman tokko fayyadamuudhaan Naafii erga ukkaamsitee doorsisuudhaan gaaffii  gaggaafachuu yeroo jalqabdu dhugaa isaa bira geesse. Kun hundumtuu kan inni ta’e hinaaffaa Hawwii kan jedhamtu hiriyaa Naa’ol kan turteen yeroo ta’u, Siinan erga kana dhageessee booda Hawwii fi Naafii ajjeesiste. Ergasii booda aariidhaan jireenya ishee balleessuuf qoricha liqimsuudhaan lubbuun ishee darbe. Naa’oliif waan ta’e hundumaa viidiyoodhaan yeroo ergituuf Naa’ol hanga maraatutti sammuun isaa dhukkube. Seenaan fiilmii sanaas kanumaan xumurama.

Qooda Fudhattoota

Siinan – Eden Takkaaliny/Edu

Naa’ol – Papy Li’uul

Carraa – Waaqoo Geetaachoo

Gaarii – Kumsaa Taammanaa

Beekaa – Eebbaa Dirribaa

Roobaa – Jootee Abirahaam

Niimoonaa – Meeroon Melkaamuu

Hawwii – Meetii Addaamuu

Firaa’ol – Milkeessaa Dhugumaa

B/Saa Lataa – Amanu’el Taaffesee

B/Saa Gammee – Ayyalaa Gabbisaa

Indaalkaachoo – Dabi Amanuu

Naafii – Lalisaa Mitikkuu

Obbo Kumarraa – Biraanuu

Dayirektera M/Sa   Moti Abelti

Kaameeraa

Tolaa Dingataa
Jootee Abirahaam
Dibaabaa Kinfuu
Yidiidiyaa Saamu’eel
Daabii Amanuu

Gulaaltota Iskiriiptii

Kumsaa Taammanaa

Waaqoo Geetaachoo

Amaanu’eel Taaffasee

Milkeessaa Nagumaa 

Eebbaa Dirribaa