Faarfannaa Magarsaa Baqqalaa Lakk. 2ffaa
Maxxansa Second album of Megersa Bekele Song jedhu kana keessatti, faarfannaa 12 isiniif dhiyeessina. Magarsaa Baqqalaa Faarfataa beekamaa maqaan isaa yoomiyyuu Faarfannaa keessatti kan hin irraanfatamnedha. Faarfannaa isaatiin Uummata Oromoo dabalatee namoonni Afaan Oromoo hin dhageenye illee itti eebbifamaniiru. Namni Faarfannaa isaa dhaga’ee hundumtuu baay’ee itti gammada. Egaa faarfannaa lakk. 2ffaa kan inni maxxanse, bara 1990 keessa yeroo ta’u, Faarfannaa beekamoo akka Madda Aara Galfii, Maal Ta’e Diinnikoo fi Gooftaan Si Eega jedhufaa of keessaa qaba. Nutis akka isin itti gammaddaniif faarfannaa kana jaallannee isiniif qoodnee jirra. tokkoon isaanii liinkii armaan gadii irra isiniif keenyee jirra. Akka itti gammaddanii fi eebbifamtan abdii qabna.
Akkamitti Download Akka Godhattan
Download gochuuf kan isin rakkisu yoo ta’e, jalqaba kan isin gochuu qabdan kanadha. Fuuldura Faarfannaa Download godhachuu barbaaddanii deemtanii, tuqaa sadan sana tuquu, achii booda, download kan jedhu isiniif fida. Sana booda download godhachuu dandeessu. Bal’ina isaatiif suuraa armaan gadii ilaaluu dandeessu.
I am in love with all your work.
God Bless you!
Continue
That’s encouraging
Eebbifammaa namaa