Jaalala Kiristoos

Jaalala Kiristoos

Jechi Jaalala Kiristoos jedhu, faallaa “jaalala Kiristoosiif” jedhuu, jaalala Kiristoos dhala namaaf qabu agarsiisa. Jaalalli Kiristoos yeroo ibsamu, fedhii keenya isa guddaa guutuuf fedha guddaa qabaachuu isaa, akkasumas gaarummaa nuuf gochuu fi wanta nu barbaachisan kamiiniyyuu nuuf guutuuf yoo waan hundumaa nuuf baasuu isaa ibsa. Nuti jaalalli akkasii kan nuuf hin malle ta’ullee jechuudha.

Jaalalli Kiristoos Hangami?

Yesus Kiristoos, uumama isaatiin Waaqayyo, jalqaba yeroo irraa kaasee Waaqayyo Abbaa (Yohaannis 1:1) fi Hafuura Qulqulluu wajjin jira ture, fedhiidhaan teessoo isaa dhiisee (Yohaannis 1:1-14) nama ta’uuf adabbii cubbuu keenyaa gara bara baraan haroo ibiddaa keessatti ofuma keenyaan kaffaluu akka hin qabneef nuuf kaffale(Mul’ata 20:11-15). Cubbuun namaa fayyisaa cubbuu hin qabne Iyyasuus Kiristoosiin waan kaffalameef, Waaqayyo inni qajeelaa fi qulqulluu ta’e, amma kaffaltii Yesus akka kan keenyaatti yeroo fudhannu cubbuu keenyaaf dhiifama gochuu ni danda’a (Roomaa 3:21-26). Egaa jaalalli Kiristoos kan mul’atu, mana isaa samii irraa, bakka isaaf akka malutti waaqeffamee fi ulfina argate dhiisee, gara lafaatti akka nama ta’ee, bakka itti qoosamu, ganame, reebamee fi fannifame, adabbii keenya kaffaluuf cubbuu hojjetee guyyaa sadaffaatti du’aa ka’e. Cubbuu keenyaa fi bu’aa cubbuun keenya fidus irraa nu fayyisuus gammachuu fi jireenya isaa isa guddaa sana caalaatti ilaaleetu ofii isaa dabarsee nuu kenne(Filiphisiiyus 2:3-8).

Jaalala Kiristoosii fi Kan Namaa

Yeroo tokko tokko namoonni fedhii isaaniitiin nama jaallatamaa isaaniif, jechuunis hiriyyaa, fira ykn nama “gaarii” kan biraatiif lubbuu ofii isaanii ni kennu, garuu jaalala Kiristoos tu kana hundumaa irra darba. Jaalalli Kiristoos warra caalaatti isaaniif hin malleef iyyuu bal’aadha. Warra isa jibbanii, isa dararan, isa irratti fincilanii fi isa tuffataniif, warra ija keenya duratti jaalala isaa isa xiqqaa ta’eef adabbii fudhate (Roomaa 5:6-8). Warra xiqqaa ta’eef waan guddaa kenne. Aarsaan egaa, hundee jaalala waaqummaa jaalala agape jedhamuuti. Sunis jaalala waaqaati malee jaalala namaa miti (Maatewos 5:43-48).

Jaalalli inni fannoo irratti nuuf agarsiise sun jalqaba qofa. Fayyisaa keenya ta’ee yeroo itti amanamnu, ijoollee Waaqayyoo, isa waliin dhaaltota nu taasisa! Inni bifa hafuura qulqulluutiin nu keessa jiraachuuf dhufee yoomiyyuu akka nu hin dhiisne (Ibroota 13:5-6). Jireenya keenya guutuu hiriyyaa jaalalaa qabna. Akkasumas waanuma keessa jirru iyyuu, Inni achi jira, jaalalli isaa yeroo hundumaa nuuf argama (Roomaa 8:35). Garuu mootii tola ooltummaa ta’ee samii irratti haqaan waan bulchaa jiruuf, jireenya keenya keessatti bakka isaaf malu kennuu qabna—akka gooftaa malee akka hiriyyaa qofaatti miti. Kana qofaan jireenya akka Waaqayyo nuuf yaadetti jiraachuu dandeenya; jireenya guutummaa jaalala isaa keessa jiru (Yohaannis 10:10b).

Goolaba

Jaalala Kiristoos yeroo jennu egaa hunduma keenyaaf kan barbaachisuu qofaa miti; Isa malees jiraachuu hin dandeenyu. Nuti jaalala isaatiif iddoo guddaa yoo kenninu, inni immoo yeroo hundumaa jireenya keenya keessatti jaalala mul’isuu jalqaba. Egaa kana hundumaa caalaatti yeroo jireenya jaalala isaatiin mo’ame jiraachuuf itti of kenninu sirriitti arginee hubachuu dandeenya. Waan dubbistaniif eebbifamaa. Yaada keessan comment akkasumas yaada dabalataan qabdan immoo yoo jiraate karaa inbox nuuf erguu dandeessu. Yeroo eebbifamaa qabaadhaa.

5 thoughts on “Jaalala Kiristoos”

  1. Dhugaadha !Teessoorraa nuuf jecha dhufuun ,dukkana nutti ho’ifanne keessa jirru keessaatti dhufee agrtuu keenya banee !🙏

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *